Fana: At a Speed of Life!

Kutaaleen Magaalaa Lammii Kuraa fi Nifaas Silk Laaftoon naannoo Amaaraaf deeggarsa taasisan

Finfinnee, Gurraandhala 17, 2014 (FBC) – Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti Kutaaleen Magaalaa Lammii Kuraa fi Nifaas Silk Laaftoon naannoo Amaaraaf deeggarsa meeshaalee Birrii miiliyoona 4otti shallagamu taasisan.

Deeggarsichi lammiilee naannichaa sababa waraanaan miidhamaniif kan oolu ta’uu ibsame.

Sirna walharkaa fuudhiinsa deggarsichaarratti argamuun Preezdaantiin naannoo Amaaraa Dooktar Yiliqaal Kaffaalaa uummanni magaalaa Finfinnee Ityoophiyaan wayita yeroo dhippinaatti deeggarsi uummata Amaaraaf taasise agarsiistuu ta’uu ibsaniiru.

Kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee gamasaaniin duula birmadummaa biyyaan miidhaan kan miidhame rakkoo naannoo  irra ga’e Amaaraa furuuf deeggarsa keenya cimsinee itti fufna jedhaniiru.

Yeroowwan darbanitti  naannoo Amaaraaf deeggarsi Birrii biiliyoonni 1.1 taasifamuu fi ummanni magaalaa Finfinnee kabaja Ityoophiyaaf qabu gochaan agarsiisuu ibsameera.

Minyichi Aazazawutu gabaase.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.