Fana: At a Speed of Life!

Kutaalee biyyattii tokko tokkotti Roobni cimaan balaa lolaa tasaa hordofsiisu mudachuu danda’a – Inistiityuuticha

Finfinnee, Waxabajjii 25, 2016 (FBC) – Waqtii Gannaa kana Kutaalee biyyattii tokko tokkotti Roobni cimaan balaa lolaa tasaa hordofsiisu mudachuu akka danda’a Inistiityuutiin Raaga Haala Qilleensaa Itiyoophiyaa hubachiise.

Kutaalee biyyattii Rooba Waqtii Gannaa argatan tokko tokkotti Roobni cimaan balaa lolaa tasaa hordofsiisu mudachuu akka danda’u yaadachiiseera.

Guyyoota kurnan itti aanaan keessa naannawaa Rooba Gannaa argatanitti hammi Roobaa caalmaatti cimee kan itti fufu ta’uu Inistiityuutichi ibsa miidiyaaleef ergeen himeera.

Haaluma kanaan kutaalee Kibba Lixaa, Kaaba Lixaa, Kaaba, Lixaa, Giddugaleessaa fi Kaaba Baha biyyattiitti hammi roobaa daraan cimaa ta’e miilii meetira 30 ol roobuu akka malu eereera.

Naannoo Oromiyaa, Amaaraa, Giddugaleessa Itiyoophiyaa, Tigraay, Afaar, Beenishaanguul Gumuz, Kibba Lixa Itiyoophiyaa fi Sidaamaatti hammi roobaa giddugaleessaa hanga cimaa kan eegamu ta’uu himeera.

Roobni Baatii Adoolessa keessa Roobu faayidaan inni kennu akkuma jirutti ta’ee kutaalee tokko tokkotti ammoo balaa lolaa tasaa qaqqabsiisuu waan danda’uuf hawaasni of eeggannoo akka taasisu hubachiisuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.