Fana: At a Speed of Life!

Kutaa magaalaa Qiirqoositti namni matta’aa Birrii Kuma 200 fudhachuun shakkame harkaaf harkatti qabamuu ibsame

Finfinnee, Adoolessa 12, 2014 (FBC)- Magaalaa Finfinnee Kutaa magaalaa Qiirqoositti namni matta’aa Birrii kuma 200 fudhachuun shakkame harkaaf harkatti qabamuu ibsame.

Namni dhuunfaa kun itti gaafatamummaa isaatti fayyadamuun mana jireenyaa sanada hin qabneef kaartaa seera qabeessa nan kenna jechuun nama dhuunfaarraa Birrichaa osoo fudhatuu harkaaf harkatti qabamuu Qajeelcha poolisii kutaa magaalichatti hogganaan Qorannoo yakkaa fi balaa tiraafikaa olaanaan Inispeektaraa Baahiruu Taklee ibsaniiru.

Namoota dhuunfaa dhimmichaa waliin hidhata qaban biroo poolisiin qulqulleeffachaa jiraachuu fi namoonni tajaajila gurguruuf yaalan biroonis kanarraa barachuun gocha isaaniirraa akka of qusatan yaadachiisaniiru.

Hawaasni namoota itti gaafatamummaa isaanii haalaan hin ba’anne wayita argu poolisiif eeruu akka laatu gaafachuu ragaan waajjira kantiibaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.