Fana: At a Speed of Life!

Kutaa Magaalaa Mana Abbichuutti baalli sammuu namaa hadoochu kuntaalli 24 to’atame

Finfinnee, Hagayya 22, 2015 (FBC) – Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Mana Abbichuutti baalli sammuu namaa hadoochu kuntaalli 24 to’atamuu Waajjirri Bulchiinsaaf Nageenyaa kutaa magaalichaa beeksiise.

Baalli sammuu namaa hadoochu kuntaalli 24 Magaalaa Finfinneerraan qaxxaamuruun gara naannoo Amaaraa imalaa ture eeruu uummatarraa argameen to’atamuu Itti Gaafatamaan Waajjiira Bulchiinsaa fi Nageenya Kutaa Magaalichaa Obbo Tashoomaa Hurrisaa ibsaniiru.

Qajeelchi Poolisii Kutaa Magaalichaa dhimmicha qorachaa jiraachuus himuu ragaan Waajjira Kominikeeshinii Magaalaa Shaggar irraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.