Fana: At a Speed of Life!

Kutaa magaalaa Lidataatti hoggantoonnii fi ogeeyyiin yakka malaammaltummaan shakaman 4 to’annoo jala oolan

Finfinnee, Gurraandhala 17, 2014 (FBC) – Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Kutaa magaalaa Lidataatti qindoomina qajeelcha poolisii magaalichaa fi hawaasaan hoggantoonnii fi ogeeyyiin yakka malaammaltummaan shakaman 4 to’annoo jala ooluu ibsame.

Namoonni to’annoo jala oolan ramaddii hoggansaa haaraan dura hogganaa Waajjira Misoomaa fi Bilchiinsa Lafaa, Puulii bulchiinsa Faayinaansii Waajjira Misoomaa fi Bulchiinsa Lafaa, Puulichatti dursaa garee bittaa fi ogeessa bittaa ta’uu ibsameera.

Kutaan  magaalichaa adeemsa irra ga’e yeroo yeroon uummata kan beeksisu ta’uu fi malaammaltummaa fi hojiimaata badaarratti kutannoon kan qabsaa’u ta’uu ibsuu isaa ragaan Kominikeeshinii kutaa  magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.