Fana: At a Speed of Life!

Kutaa magaalaa Lammii Kuraatti proojektoonni adda addaa eebbifaman

Finfinnee, Caamsaa 21, 2013 (FBC)- Magaalaa Finfinnee Kutaa magaalaa Lammii Kuraatti proojektoonni adda addaa baasii Birrii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 80 ijaarramaan eebbifamaniiru.

Proojektoonni kunneen mootummaa fi hirmaannaa hawaasatiin kan ijaarramaniidha.

Sirna eebbichaarratti Sadarkaa Itti aanaa Kaantibaa magaalaa Finfinneetti Qindeessaan Dhaabbilee Kenniinsa Tajaajilaa Mootummaa obbo Zhaanxiraar Abbay, Ministir Deettaan Ministeera Saayinsii fi Barnoota olaanoo Dooktar Saamu’eel Kiflee dabalatee hoggantoonni hojii mootummaa argamaniiru.

Kutaa magaalichaatti proojektootaa har’a eebbifamaan keessaa manneen barnoota dabalatee kutaalee barnootaa, galmaa, iddoowwan ispoortii fi dhaabbileen fayyaa keessatti kan argaman ta’uu ragaan Seekreetariyaat preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna..

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.