Fana: At a Speed of Life!

Kutaa magaalaa Lammii Kuraatti konfiransiin hundeeffama waggaa 1ffaa Waldaa Dargaggoota Oromoo gaggeeffame

Finfinnee, Eebila 25, 2014 (FBC) – Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee kutaa magaala Lammii Kuraatti konfiransiin hundeeffama waggaa 1ffaa Waldaa Dargaggoota Oromoo gaggeeffameera.

Nageenyi waan hundaa caala dhala namatiif barbaachisa ta’uu fi  dargaggoonni  Oromoo saboota biroo waliin ta’uun, nageenya magaala Finfinnee eeguu akka  qaban hojii raawwachiisituun kutaa magaala Lammii Kuraa aadde Malaakee Alamaayyoo ibsaniiru.

Nageenya biyyaa eeguu keessatti ga’een dargaggootaa olaanaa ta’uu dura ta’aan  Waldaa Dargaggoota Oromoo kutaa bulchiinsa  maagaalichaa dargaggoo Kaasahun Assaffaa ibseera.

Dargaggoonni konfiransicharratti hirmaatan nageenya naannoo isaanii  eeggaachaa jiraachuu himaniiru.

Rakkoo nageenyaa yeroo gara yerootti mul’atu to’achuuf qaamolee nageenyaa waliin hojjechuuf qophii ta’uu ibsaniiru.

Konfiransicharratti Abbootiin Gadaa, Abbootiin Amanta, hoggantoonni  fi keessummoonni biroo argamuu ragaan Kominikeechinii kutaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.