Fana: At a Speed of Life!

Kutaa magaalaa Kolfee Qaraaniyootti namni dhuunfaan Noottii Birrii Sobaa kuma 39 ol baankii galchuuf ture to’atame

Finfinnee, Waxabajjii 14, 2014 (FBC) – Kutaa magaalaa Kolfee Qaraaniyootti aanaa 01 tti namni dhuunfaan Noottii Birrii Sobaa kuma 39 ol baankii galchuuf ture harkaaf harkatti to’atamuu Poolisiin magaalaa Finfinnee beeksiseera.
Namni dhuunfaan kun Baankii Daldalaa Ityoophiyaa Damee Raphiitti wayita maallaqa Sobaa kana galchuuf ture to’atamuu himeera.
Noottii Sobaa Birrii kuma 39 fi 800 Baankitti galii gochuuf wayita Unkaa guutaa ture eeruu hojjetaa Herreegaaf laatameen harkaaf harkatti to’atamuun qorannoon gaggeeffamaa jiraachuu ragaan Poolisii magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.