Fana: At a Speed of Life!

Kutaa Magaalaa Gafarsaa Gujeetti balaa tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 6 darbe

Finfinnee, Adoolessa 25, 2015 (FBC) – Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Gafarsaa Gujeetti balaa tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 6 darbuu Poolisiin magaalichaa beeksiise.

Konkolaataan fe’umsaa Ujummoo ijaarsaa fe’ee Buraayyuurrraa gara Keellatti imalaa ture Konkolaataa deddeebisa Uummataa Minii Baasii jedhamu Konkolaachisaa fi gargaaraa dabalatee namoota 15 fe’ee Keellaarraa gara Buraayyuu imalaa tureen iddoo addaa Gafarsaa jedhamutti walitti bu’uun lubbuu namoota 6 galaafachuu Kutaa Magaalichaatti Diiviiyziin nageenya Tiraafikaa Gargaaraan Inispeektaraa Guddisaa Tarreessaan Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiif himaniiru.

Balaa har’a naannoo Sa’aatii 6:00tti mudate kanaan konkolaachisaa fi gargaraa dabalatee lubbuun dhiira 5 fi durba 1 darbuu ibsaniiru.

Namoota 6 irra miidhaan qaamaa cimaa fi namoota 3 irra ammoo miidhaan qaamaa salphaan qaqqabuu kaasaniiru.

Siifan Magarsaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.