Fana: At a Speed of Life!

Kutaa magaalaa Eekkaatti ijaarsawwan seeran alaa fi lafa weeraraman irratti tarkaanfiin fudhatamuu eegale

Finfinnee, Amajjii 4, 2013 (FBC) – Kutaa magaalaa Eekkaatti ijaarsawwan seeran alaa fi lafa yeroo dhihoo as weeraraman irratti tarkaanfii fudhachuu eegaluu bulchiinsi magaalichaa beeksise.

Bulchiinsi magaalichaa ijaarsawwan seeran alaarratti hawaaasa fi qaamolee nageeenyaa waliin ta’uun tarkaanfii fudhachuu eegaluu ibseera.

Bulchiinsi magaalichaa seera kabachiisuuf ogeeyyiin qaamolee nageenyaa fi hawaasa waliin ta’uun lafa seeran ala weeraramanii fi manneen ijaarramanirratti tarkaanfii fudhataa jiruuf deeggarsi hawaasaa cimee itti fufuu akka qabu gaafateera.

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee bara 1997 as ijaarsawwanii fi lafa seeran ala weeraramanirratti qorannoo gaggeessuu ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni agarsiisa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.