Fana: At a Speed of Life!

Kutaa magaalaa Booleetti namoonni dhuunfa 7 maallaqoota biyyoota alaa adda addaa seeraan ala jijjiiraa turan to’ataman

Finfinnee, Bitootessa 9, 2014 (FBC) – Kutaa magaalaa Booleetti namoonni dhuunfa kuusaa gurgurtaa bilbilootaa fi shaqaxaalee keessaati maallaqoota biyyoota alaa garagaraa jijjiiraa turan to’annaa jala ooluu Poolisiin Magaalaa Finfinnee beeksiseera.

Doolaarri Ameerikaa kumni 19 fi maallaqoonni biyyoota garagaraa harka fi harkatti qabamaniiru.

Kutaa magaalaa Boolee aanaa 3 iddoo adda Gamoo Shaggar jedhamutti giddugala gurgurtaa bilbiloota Maakii fi aanaa 4 iddoo adda Hootela Awuraariis jedhamuutti namoonni kunneen wayita karaa seeraan alaa maallaqoota kanneen sharafaan sakkattoo poolisiin taasiseen to’annaa jala ooluu ragaan Poolisii Magaalaa Finfinneerra argame ni muul’dhisa.

Waliigalaan suuqoota lama keessaatti Birrii kumni dhibbi 7 fi kumni 62, doolaarri Ameerikaa kumni 19 fi 65, Yuuroon Kumni 17 fi 750, Paawundiin 40 fi doolaarri Kaanadaa kumni 3 fi 800 to’annaa jala ooluu ibsameera.

Dabalataanis maallaqoonni Raashiyaa, Emmireetoota Arabaa Gamtoomanii, Faraansaay Awustaraaliyaa, Sudaan, Swiidiin Chaayinaa, Eertiraa, Bahireenii fi Kuwaataar Harkaa fi harkatti qabamaniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.