Kutaa magaalaa Addis Katamaatti Mana Bilistikaan ijaarrame keessaatti sanadoonni sobaa fi Chaappaawwan to’ataman
Finfinnee, Sadaasa 7, 2014 (FBC) – Kutaa magaalaa Addis Katamaatti sakattoo taasiifameen Mana Bilistikaan ijaarrame keessaatti sanadoonni sobaa fi Chaappaawwan hedduun shakkamaa waliin to’atamuu ibsameera.
Qajeelchi Poolisii kutaa Magaalaa Addis Katamaa, Tajaajilli Tika Nageenyaa fi odeeffannoo Biyyaalessaa, Komishiniin Poolisaa Federaalaa hawaasni qindoominaan hordoffii taasiisaa turaniin Kutaa magaalaa Addis Katamaa aanaa 1 iddoo addaa Mooraa Ameerikaa jedhamuun waamamutti mana jireenyaa namni dhuunfaan laastikii diriirsuun keessa jiraatu keessatti sakattoo taasiifameen meeshaaleen kunneen to’atamuu ibsameera.
Sakattoo taasiifameen Sanadoonni sobaa ragaa Barnootaa, Paaspoortiiwwan, waraqaan eenyummaa, Chaappaawwanii fi sanadoonni Sobaa adda addaa argamuu ragaan Poolisii Magaalaa Finfinneerraa argame.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.