Fana: At a Speed of Life!

Kutaa bulchiinsa Niifaas Silki Laaftootti meeshaaleen waraanaa garaagaraa to’atame

Finfinnee, Onkololeessa 28, 2013 (FBC) – Magaalaa Finfinnee kutaa bulchiinsa Niifaas Silki Laaftootti meeshaaleen waraanaa manneen jireenyaa lama keessatti kuufamanii turan to’ataman.
 
Eeruu ummataan magaalaa Finfinnee kutaa bulchiinsa Niifaas Silki Laaftootti meeshaaleen waraanaa manneen jireenyaa lama keessatti kuufamanii turan to’atamuu Komishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee beeksise.
 
Kutaa bulchiinsa Niifaas Silki Laaftoo aanaa 1 iddoo addaa karee 72 jedhamuun beekkamutti sakattoo gaggeeffameen mana jireenyaa tokko keessaa meeshaaleen waraanaa badii garaagaraaf qophaa’e to’atamuu itti gaafatamaan qajeelcha qorannoo yakkaa fi qorannoo balaa tiraafikaa koomaandar Awwal Ahimad ibsaniiru.
 
Kutuma kana aanaa 3 iddoo addaa Mannaa Hooteela jedhamuttis eeruu ummataan guyyaa kaleessa meeshaaleen waraanaa Uuzii jedhamee baakkamuu kaartaa 2 fi rasaasa 56, shugguxii kooltii 1 fi rasaaa shugguxii 80, manatsirri dirree waraanaa 1 fi maallaqoonni biyyoota garaagaraa too’atamuu himaniiru.
 
Namoonni 2 dhimmicha waliin hidhata qaban jedhamuun shakkaman to’annoo jala ooluun qoratamaa jiraachuu ragaan Komishinii Poolisii magaalichaarra argame ni muuli’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
 
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.