Kurmaana jalqabaatti meeshaaleen galii fi ba’ii meetirik toonii miiliyoona 4 geejjibsiifameera
Finfinnee, Sadaasa 12, 2016 (FBC)- Kurmaana jalqabaa bara baajataa 2016’tti meeshalee daldalaa alaa fi galii meetirik toonii miiliyoona 4 geejjibsiifamuu Ministeerrii Geejjibaa fi Loojistiksii beeksise.
Qarannoo raawwii kurmaana jalqabaa gaggeeffamaa jirurratti Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simeen gabaasa dhiyeessaniin sirna geejjibaa mijataa diriirsuuf tattaaffii taasifameen bu’aa olaanaan galmaa’uu ibsan.
Buufaatalee Konkolaataa naannolee hundaatti tajaajilli dijitaalawaan eegalamuun tajaajilamtoonni tajaajila saffisaa akka argatan taasifamuu kaasaniiru.
Tajaajilli kunis dhamaatii duraan ture hambisuu eeranii, kanas naannawaa biyyattii birootti babal’isuuf kan hojjetamu ta’uu ibsuu TOI gabaseera.
Kurmaana jalqabaattis meeshalee galii fi ba’ii meetirik toonii miiliyoona 4 geejjibsiisuun akka danda’ame ibsaniiru.
Tajaajila loojistiksii %59.8 tajaajila maltii moodaaliin keessumeeffamuu ibsaniiru.
Konteenaraan saamsuun oomishalee gabaa alaatti erguun saffisaan gaggeeffamaa jiraachuu himanii omisha Bunaa guutummaatti sirnaa kanaan erguun akka danda’ame mirkaneessaniiru.
Meeshaleen galii fi ba’ii Itiyoophiyaa %95 buufata Doonii Jibuutiin kan keessummeeffaman ta’uu eeranii, filmaatawwan buufataalee hojiin bal’ifachuu gaggeeffamaa jiraachuu himaniiru.
Buufata Barbaaraa fayyadamuuf mariin eegaluu fi adeemsichis haala gaariirratti akka argamu ibsaniiru.
Buufata Lamuu fayyadamuufis mootummaa Keeniyaa waliin mariiwwan gaggeeffamuu yaadachiisanii, kunis sadarkaa gaariirratti akka argamu beeksisaniiru.
Buufata meeshaalee goggogaa Jigjigaarratti akkasumas Toogoo Caaleerratti ijaaruuf qorannoon xumuramuu himaniiru.
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.