Fana: At a Speed of Life!

Kurmaana jalqabaatti galiin Birriin biiliyoonni 109 walitti qabamuu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 13, 2016 (FBC)- Kurmaana jalqabaatti sadarkaa biyyaleessaatti galiin Birriin biiliyoonni 109 walitti qabamuu Ministeerri Galiiwwanii beeksisee.

Raawwiin karoora kurmaana jalqabaa bakka Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad argamanitti gamaaggamameera.

Ministirri Ministeera Galiiwwanii Aadde Ayinaalam Nuguseen, bara baajatichaatti galii Birrii biiliyoona 529 waliitti qabuuf karoorfame hojiitti galamuu dubbataniiru.

Kurmaana 1ffatti galii Birrii biiliyoona 110.3 walitti qabuuf karoorfame keessaa Birrii biiliyoona 109.4 walitti qabamuu ibsuun, raawwiin isaas %99.2 milkeessuun akka danda’ame eeraniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.