Fana: At a Speed of Life!

Kunuunsa bishaanii fooyyessuuf waliigalteen Yuuroo miiliyoona 9.3 mallatteeffame

Finfinnee, Sadaasa 4, 2013 (FBC) – Finfinneetti kunuunsa bishaanii fooyyessuuf waliigalteen Yuuroo miiliyoona 9.3 ol mallatteeffameera.

Waliigaltichi kan mallattaa’e, Abbaa Taayitaa Bishaanii fi Dhangala’oo Finfinnee fi Dhaabbata miti mootummaa Viitansi Iviidansi Intarnaashinaalii jedhamuu waliinidha.

Bu’uuruma waliigaltichaan baasiin Yuuroon miliyoona 9.3 ol ta’u, jiraattoota Dirree fi Laga Daadhii jiraataniif hojii dhiyeessi bishaan dhugaatii qulqulluu kan hojjetudha.

Projaktichi jiraattoota kuma 90 naannoo hidha Laga Daadhii fi Dirree akkasumas, magaalloota naannoo yaa’a bishaanichaa keessaa, jechuun Qaalittii, Buraayyuu, Galaan, Sulultaa fi Sandaafaa kan argaman jirattoota kuma 90 fayyadamoo kan taasisudha.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.