Fana: At a Speed of Life!

Kumalaa Atleet Abbabee Biqilaa mallattoo cichoominaa fi fakkeenya gootummaati – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Adoolessa 16, 2015 (FBC) – Kumalaa Atleet Abbabee Biqilaa mallattoo cichoominaa fi fakkeenya gootummaa ta’uu Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsaniiru.

Kumalaa Atleet Abbabaa Biqilaa biyya kan boonsee fi hangafa Atleetootaa ta’uu kaasaniiru.

Waltajjii idil addunyaa irratti maqaa Itoophiyaa ol kan kaasee fi atleetota Afrikaaf balbala fiigichaa kan bane Atleetii goota ta’uu ibsaniiru.

Magaalaa Roomitti daandiin maqaa isaan moggaafame jiraachuu himaniiru.

Har’a iddichatti isa yaadachuuf yaadannoo keenyee jira jedhan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.