Fana: At a Speed of Life!

Korri qorannoofi qo’annoo marsaa 15ffaan gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Waxabajjii 13, 2016 (FBC) –Inistityuutiin qorannoo fi qo’annoo Oromoo giddugalaa Aadaa Oromootti kora gaggeessaa jira.
Korichi mata duree ‘safuu keenya ganamaatti deebi’uun nagaa haa waarsinu’ jedhuun gaggeeffamaa jira.
Kora kanaarratti hoggantoonni olaanoon mootummaa Federaalaa, naannoo Oromiyaa,abbootiin Gadaafi haadhooliin Siinqee akkasumas hayyoonni dhaabbilee barnoota olaanoo garagaraa argamaniiru.
Inistityuutiin qoraannoofi qo’annoo Oromoo afaan,seenaa,aadaafi aartii Oromoo qoraachuu fi qorachisiisuun faayidaa uummataaf gumaachaa jiraachuu eerameera.
Inistityuutichi hayyootaa waliin qorannoo gaggeessuun roga maraan nageenyaa waareessuurratti hojjechaa jiraachuu Daayrektarri Inistiyuutichaa Obbo Dirribaa Tarraffaa ibsaniiru.
Hoggantuun Biiroo Aadaafi Turiiziimii Oromiyaa Aadde Jamiilaa Simbirruu koricharratti hasawaa taasisaniin, uummanni Oromoo qo’annoofi qorannoo hayyoota gaggeeffamuu kana cinaa dhaabbachuun galmaan gahuu akka qaban dhaamaniiru.
Korichi guyyoota 2’f gaggeeffama.
Obsee Waaqgaariitu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.