Fana: At a Speed of Life!

Korri Qorannoo Oromoo marsaa 14ffaan gaggeeffame

Finfinnee, Mudde 25, 2016 (FBC)- Korri Qorannoo Oromoo marsaa 14ffaan mata duree “Duudhaa Keenya Ijaarsa Biyyaatiif” jedhuun gaggeeffameera.

Waltajjicharratti Sadarkaa Pireezidaantii Ittaanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Qindeessaan Kilaastara Hawaasummaa Obbo Abdulhaakiim Muluu akka jedhanitti, egeree keenya bareechuuf maalummaa Oromoo gadi fageenyaan qorachuu, barreessuu fi dubbachuun barbaachisaadha.

Mootummaan Naannoo Oromiyaas Seenaa, Aadaa, Afaanii fi Aartii Oromoo guddisuuf xiyyeeffannoo kennee hojjachaa jiraachuus himaniiru.

Dabalataan, hayyoonni ogummaa fi beekumsa qabaniin qorannoo fi qo’annoo gaggeessuun eenyummaa fi guddummaa Oromoo hawaasa addunyaatti beeksisuu akka qaban dhaamaniiru.

Daarikteerri Olaanaa Inistitiyuutichaa Obbo Dirribaa Tarrafaa gama isaaniin korri kun hayyootaaf dirree qorannoo mijeessuuf kan kaayyeeffate ta’uu himuun, Inistitiyuutichi erga hundaa’ee hanga ammaatti mata dureewwan 62 irraatti qorannoo gaggeesseen seenessa dogoggoraa uummata Oromoorratti seeneeffamaa ture sirreessaa jiraachuu ibsaniiru.

Kana malees, inistitiyuutichi kitaabilee 71 ol barreessuun uummata biraan ga’uun dhaloota duudhaa sirna gadaa irratti ijaaramee dhiibbaa uumuu danda’u horachaa jiraachuu himaniiru.

Tibbeessoo Dheekkamootu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.