Fana: At a Speed of Life!

Korri aadaa dubbisa kitaabaafi hojii Dargaggootaa cimsuu gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Mudde 5, 2017 (FMC) –Korri aadaa dubbisa kitaabaa fi hojii dargaggootaa cimsuu giddugala aadaa Oromootti gaggeeffamaa jiraachuu ibsame

Korri aadaa dubbisa kitaabaafi hojii dargaggootaa cimsuu bakka hayyoonni 200 fi dargaggoonni 600 ol argamanitti giddugala aadaa Oromootti gaggeeffamaa jira.

Kaayyoon kora kanaas dargaggeessa aadaa dubbisuufi aadaa hojii cimaa qabu horachuuf ta’uu eerameera.

Dargaggoonni hin dubbisnee fi cimanii hin hojjenne maatii, biyyaa fi mootummaaf ba’aa ta’uu Daayreektarri Inistiityuutii Qo’annoofi Qorannoo Aadaa Oromoo Dooktar Dirribaa Tarrafaan koricharratti ibsaniiru.

Aadaa dubbisuu gabbisuu fi aadaa hojii cimsuun murteessaa ta’uu kaasaniiru.

Kora kanarratti qorannoon aadaa dubbisa dargaggootaa cimsuu fi aadaa hojii dargaggootaa gabbisu hayyoota dhaabbilee banoota olaanootiin dhiyaateera.

Amartii Tasfaayee fi Oliiqaa Girmaatu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.