Fana: At a Speed of Life!

Korporeeshiniin Manneen Federaalaa kiraa manaa dhibbentaa 50’n hir’isuu beeksiise

Finfinnee, Eebila 2, 2012 (FBC) – Korporeeshiniin Manneen Federaalaa kiraa manaa dhibbentaa 50’n hir’isuu beeksiise.

Hoji gaggeessaan korporeeshinichaa obbo Rashaad Kamaal ibsa laataniin manneen daldalaa fi jireenyaa kuma 18 fi 153, ji’a Eebilaa irraa eegalee gatii kiraa dhibbeentaa 50’n hir’iseera.

Akka gabaasa EBCtti hir’isni kun kan ilaallatu Magaalaa Finfinnee fi Dirree Dawaa yoo ta’u, gatii hir’ifame kanaanis galii korporeeshinichaa kanaan dura Birrii miiliyoona dhibbaa 1 fi miiliyoona 20 ture gara miiliyoona 60tti gadi buusa jedhan .

Haylayesuus Siyumtu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.