Korporeeshinichi manneen waliin jireenyaa carraan itti ba’e kuma 68 baatii 3 keessatti abbootii carraaf dabarsuuf hojjechaa jiraachuu ibse
Finfinnee, Sadaasa 3, 2014 (FBC) – Korporeeshiniin Misooma Manneenii magaalaa Finfinnee manneen waliin jireenyaa carraan itti ba’e kuma 68 baatii 3 keessatti abbootii carraaf dabarsuuf hojjechaa jiraachuu ibseera.
Bulchiinsi magaalichaa bara baajataa kana manneen waliin jireenyaa kuma dhibba 1 fi kuma 39 ijaaraa jiraachuu Daayreektarri Korporeeshinichaa obbo Shimallis Taammiraat ibsaniiru.
Ijaarsa manneenii gaggeeffamaa jiru cinaatti bu’uuraalee misoomaa guutuuf seektaroota dhimmi ilaallatu waliin hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Manneen waliin jireenyaa carraan itti ba’e kuma 68 baatii 3 keessatti abbootii carraaf dabarsuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu obbo Shimallis himaniiru.
Manneen jireenyaa kunneen shirkinnaa, Mootummaa fi dhaabbilee deeggartootaa dhuunfaa waliin tumsaan hojjetamaa jiraachuu Sadarkaa Itti aantuu Kaantibaatti Hoggantuun Biiroo Misooma Manneenii Magaalaa Finfinnee Aadde Yaasimii Wahabrabiin ibsaniiru.
Manneen mootummaan ijaarramaa jiran dabalataan lammiileen kumni 12 ol waldaan gurmaa’uun abbaa manaa akka ta’an carraan uumamuu kaasaniiru.
Magaalaa Finfinneetti jiraattoonni kumni dhibbi 6 fi kumni 50 ol abbaa manaa ta’uuf galmaa’anii qusachaa jiraachuu ragaan Korporeeshinii Misooma Manneenii magaalichaarraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.