Fana: At a Speed of Life!

Korporeeshinichi kiraa bakka ijaarsa warshaalee oomishaaf waldaalee lama waliin waliigaltee mallatteesse

Finfinnee, Caamsaa 24, 2014 (FBC) – Korporeeshiniin Misooma Paarkiiwwan Indaastirii kiraa bakka ijaarsaa warshaalee oomishaaf waldaalee lama waliin waliigaltee mallateesseera.

Korporeeshinichi ‘Giriinbiiz Invastimanti’ Waldaa Dhuunfaa Itti Gaafatamni Isaa Murtaa’ee fi ‘Keddaamtiit Veet Faarmaa Tireediingi’ Waldaa Itti Gaafatamni Isaa Murtaa’e waliin, Paarkii Indaastirii Faarmaasiyutikaalii Qilinxoo keessatti kiraa bakka ijaarsaa warshaa oomishaaf waliigaltee mallateesseera.

Paarkiin Indaastirii Qilinxoo meeshaalee baayoo meedikaalaa fi faarmaasiyuutikaalii warshaalee oomishaniif kan qophaa’e paarkii bu’uuraalee misoomaa hunda guuttateedha.

Waldaaleen kunneen warshaalee isaaniis paarkicha keessatti ijaaruuf waliigaltee kiraa lafa waldaaleen raawwatan damee bobba’an irratti gumaacha olaanaan akka irraa eegamu ibsameera.

‘Giriinbiiz Invastimanti’ Waldaa Dhuunfaa Itti Gaafatamni Isaa Murtaa’e, zayiita avokaadoo, oomishaalee miidhaginaa fi wal’aansaa kan oomishu yoo ta’u, ‘Keddaamtiit Veet Faarmaa Tireediingi’ Waldaa Ittigaafatamni Isaa Murtaa’ee ammo keemikaalota farraa aramaa, keemikaalotaa ittisaa dhibeewwan beeyladootaa, midhaanii fi namaa kan oomishuudha jedhameera.

Qonjiit Zawudeetu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.