Fana: At a Speed of Life!

Korporeeshinichi Biiroo Ministeera Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa ammayyeessuuf waliigaltee mallatteesse

Finfinnee, Mudde 18, 2015(FBC)- Korporeeshiniin Manneenii Federaalaa  Biiroo Ministeera Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa ammayyeessuuf waliigaltee mallatteessuu ibsame.

Waliigalticha Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Korporeeshinichaa obbo Rashaad Kamaaliifi Ministir Deetaan Ministeera Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa obbo Indaalawu Makonnin mallatteessaniiru.

Bu’uura waliigaltichaan korporeeshinichi bu’uuraalee misoomaa teekinooloojii dabalatee Biiroo Ministeera Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa yeroo gabaabaa keessatti ammayyeessuun dabarsee kan kennu ta’uu eerameera.

Korporeeshinichi hojii biiricha ammayyeessuufi fooyyessuu yeroo qabameefittiifi qulqullina barbaadamuun xumuruun dabarsee kan kennu ta’uu hojii raawwachiisaa olaanaan korporeeshinichaa obbo Rashaad Kamaal ibsaniiru.

Ministir Deetaan Ministeera Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa obbo Indaalawu Makonnin gamasaaniin, yeroo ammaa korporeeshinichi sochii hojii bu’aa qabeessa taasisaa jiraachuu ibsuun, muuxannoofi beekumsa damichaan argate fayyadamuun hojii biiricha ammayyeessuu yeroo gabaabaa keessatti xumuruun dabarsee akka kennu amantaa qabaachuu kaasaniiru.

Korporeeshinichi biiroo dhaabbilee mootummaa  hedduu ammayyeessaa jiraachuu ragaan korporeeshinicharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.