Fana: At a Speed of Life!

Korporeeshinichi abbootii qabeenyaa waliin manneen waliin jireenya kuma 15 ijaarsisuuf caalbaasii baase

Finfinnee, Gurraandhala 24, 2014 (FBC)- Korporeeshiniin Misoomaa fi Baankii Lafaa Federaalaa Magaalaa Finfinnee keessatti manneen jireenyaa kuma 15 Abbootii qabeenyaa waliin ijaarsisuuf Caalbaasii baaseera.

Daayreektarri Korporeeshinichaa Leensaa Mokkonnin akka jedhanitti, Korporeeshinichi abbootii qabeenyaa waliin ta’uun manneen jireenya kuma 15 gatii madaalawaan ijaarsiisuuf karoorfateera.

Kana cinaattis giddugala walgahii sadii fi iddoowwan fardeen itti gulufsiisan lama ijaarsiisuuf karoorfamuu himan.

Ijaarsa manneen jireenyaa kanarrattis hirmaachuuf kubbaaniyoonni seektara ijaarsaa keessatti humna qaban Faayinaansii,Teeknooloojii fi dhiyeessummaa investimantiin irratti hirmaachuu danda’u jedhan.

Keessattuu abbootiin qabeenyaa biyya keessaa duunfanis ta’ee, Kubbaaniyoota biyya alaa waliin qindoomuun ijaarsa projektiicha irratti hirmaachuu akka qaban himan.

Kubbaaniyonni hirmaachuu barbaadanis Seektara ijaarsaa keessatti waggoota kudhanii ol hojjechuun muuxannoo kan qabaniifi proojektii tokko keessatti Birrii Miiliyoona 300 fi miiliyoona 50 ol kanneen sochoosan ta’uu qaba jedhan.

Kubbaaniyoonni kanneen seektaricha keessatti teeknooloojii haaraa kan beeksisanii fi waliigaltee raawwatanii ji’oota jaha keessatti gara hojiitti kan galan yoo ta’e caalbaasiicha irratti hirmaachuu danda’u jedhan.

Kubbaaniyoonni ijaarsa kanarratti hirmaachuu barbaadan hanga Bitootessa 21,2014tti ibsa fedhii isaanii korporeeshinichatti galchuun dorgommuu akka danda’an himan.

Teessoo Email CEOoffice@lbdc.gov.et fayyadamuun ragaa isaanii galfachuu akka danda’anis himameera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.