Fana: At a Speed of Life!

Korporeeshiiniin Misooma Indaastirii Paarkiwwanii yaalii Proojektiii Waraqaa eenyummaa biyyaalesaa eegale

Finfinnee, Muddee 20, 2014 (FBC) – Korporeeshiiniin Misooma Indaastirii Paarkiwwanii Proojektiii Waraqaa eenyummaa biyyaalesaa waliin ta’uun yaalii Proojektiii waraqaa eenyummaa biyyaalesaa Paarkii Indaastirii Boolee Lammiitti eegalan.
Waajjira Muummee Ministiraatti, Proojektiin Waraqaa Eenyummaa Biyyaaleessaa hanga bara 2018 waggoota afur keessatti namoota miiliyoona 70tiif kennuuf hojjechaa jiraachuu hojii gaggeessaan proojekticha obbo Yoodaahee Ara’ayaasillaaseen himaniiru.
Kaayyoon waraqaa eenyummaa biyyaaleessaa kun waraqaa eenyummaa gandaa bakka buusii fi miti jedhan Obbo Yoodaaheen.
Eenyummeessa biyyaaleessaa kana argachuuf ragaan dhiyeeffamu hin jiru, jiraata biyyattii ta’uun qofti gahaadha; lammiilee biyya alaatiif ta’us ni kennama jedhaniru.
Hojjettoonni Paarkii Indastiri Boolee Lammii kuma 20 yaaliif waraqaan eenyummaa kana kennuun kan jalqabameera.
Hojii Raawwachisaa Olaanaan Korporeeshiinii Misooma Paarkiwwan Indastirii Biyyaaleessaa obbo Saandokaan Dabbabaan enyummeessi biyyaaleessaa lammiilee biyyatiif faayidaa olaanaa qabaa ibsuu isaanii ragaan dhaabbaticharraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.