Fana: At a Speed of Life!

Koroonaa ittisuuf imaltoota gara Ityoophiyaa seenaniif hojiin ho’ina qaamaa adda baasuu itti fufeera- Dr Liyaa Taaddasaa

Finfinnee, Amajjii 21,2012(FBC)- Koroonaa vaayrasii ittisuuf imaltoota gara Ityoophiyaa seenaniif hojiin ho’ina qaamaa adda baasuu itti fufiinsan hojjetamaa jira jedhan ministir deettaan Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan.
 
Dooktar Liyaan Faanaa Broodkaastiing Koorporeet waliin turtii taasisaniin akka beeksisanitti, koroonaa vaayrasiin biyyoota addunyaa 10tti muul’ateera.
 
Vaayrasichi gara Ityoophiyaa akka hin seenne hojiin ittisaa fi to’annoo hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.
 
Kanaanis hojiin ho’ina qaama imaltoota Ityoophiyaa seenanii adda baasuu hojjetama ajira.
 
Imaltoonni biyyootii vaayrasichi itti muul’atee gara Ityoophiyaa dhufan ho’ina qaama isaanii akka ilaalchisan, odeeffannoo dhuunfaa fi miira itti dhaga’amurratti guca akka guutan taasifamaa jira jedhan Dooktar Liyaan.
 
Namoonni guca guutan mallattoon vaayrasichaa irratti muul’achuu baatus, bakka jiran deemamuun hordoffiin fayyaa taasifamaafii jira.
 
Imaltoota karaa Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booletiin galan maraaf hojiin ho’ina qaamaa adda baasuu hojjetamaa jira.
 
Ho’inni qaamaa addaa kan irratti muul’ateef iddoon tursaa/kwaaraantiiniin Boolee Caffaa namoota 30 qabatu qophaa’uu fi bakka biraattis iddoon dabalataa qophaa’aa jiraachuu ibsaniiru.
 
Ityoophiyaanonni vaayrasichaan shakkaman 4 bilisa ta’an kophaatti adda baafamanii hordoffiin taasifamaafii jira.
 
Kanneen keessaa qufaa fi ho’inni qaamaa kan irratti muul’ate namoota lama. Lamaan waliin waan dhufaniif qofa waliin adda baafamaniiru. Ityoophiyaanonni mallattoon irratti muula’chuun shakkaman amma guutumaa guututti fayyaa ta’uus ibsaniiru.
 
Samuudaan isaanii qorannoo dabalataatif Afrikaa Kibbaatti ergamuu ibsanii, bu’aan qorannoo isaaniis guyyootii lama keessatti kan qaqqabu ta’uu Dooktar Liyaa Taaddasaan himaniiru.
 
Qorannicha torbeewwan itti aanan keessa biyyyatti eegaluuf qophiin taasifamaa jiraachuus eeraniiru.
 
Ittisaa fi to’annoo, wallaansa isaarratti ogeeyyidhaaf leenjiin hubannaa uumuu kennamaa jira.
 
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa vaayrasiin noovil koroonaa Muddee 21,2012 eegalee Chaayinaa, bulchiinsa Wuhaanitti muul’achuu beeksiseera.
 
Vaayrasichi jalqaba Chaayinaatti argamuun gabaafamus, Taaylaand, Jaappaan, Ameerikaa, Awustiraaliyaa, Taaywaan, Siingaapoor, Maaleezhiyaa, Kooriyaa Kibbaa, Faransaay, Veetinaam, Neeppaal, Kaanaadaa, Kaamboodiyaa, Siriilaankaa fi Jarmanitti muul’ateera.
 
Chaayinaa qofatti namoonni 170 sababii vaayrasichaatin lubbuu isaanii dhabaniiru.
 
Namoonni vaayrasichaan qabamanis 7,711 qaqqabuun ibsameera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.