Korichi walga’ii idileessaa gaggeesse
Finfinnee, Bitootessa 6, 2013 (FBC) – Koreen Ministirootaa Duubdeebii Hundagaleessaa Wiirtuu Qindeessaa Yeroo Ariifachiisaa Biyyaalessaa Walga’ii Idileessaa Gaggeesseera.
Korichi adeemsa dhiyeessii deeggarsa namoomaa fi hojii deebisaanii ijaaruu naannoo Tigraayitti hojjetaman gamaaggameera.
Naannoo Tigraayitti Hospitaalloonni 75 guutumaan guutuutti tajaajila laachuu eegaluu korichi ibsaneera.
% 10 kan ta’an ammoo walakkaan tajaajila laachuu eegaluu isaanii himeera.
Hojjettoonni yaala Fayyaa % 90 ol ta’an gara hojii isaanitti deebi’uu korichi eereera.
Gareen socho’aa yaala Fayyaa 30 ta’an iddoo iddootti socho’uun hawaasaaf tajaajila fayyaa kennaa jiraachuu ibseera.
Ambuulaansoonni 54 tajaajila kennaan kan jiran yoo ta’u, 52 ammoo suphamuun tajaajila ni eegalu jedhame.
Dhaabbileen 13 damee bishaanii f dhangala’aarratti qindoominaan hojjechaa jiraachuu korichi himeera.
Poolisiin idilee naannichaa harki caalu gara hojiitti deebi’uus eerrameera.
Bulchiinsa yeroo naannichaa waliin ta’uun hojiin dhiyeessii midhaan nyaataa fi meeshaalee nyaataan alaa qaqqabsiisuu qindoominaan itti fufuus himameera.
Hanga ammaattis lammiilee miiliyoona 4.2 ta’aniif deeggarsi namoomaa dhiyaachuu korichi gamaaggama taasiiseen ibseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.