Fana: At a Speed of Life!

Korichi tattaaffiiwwan dippiloomaasii daldalaa, misoomaafi invastimantii cimanii akka itti fufan yaadachiise

Finfinnee, Amajjii 24, 2015(FBC)- Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti koreen dhaabbii Dhimmoota hariiroo Alaafi Nageenyaa tattaaffiiwwan dippiloomaasii daldalaa, misoomaafi invastimantii Ministeera Dhimma Alaan hojjetamaa jiran cimanii akka itti fufan yaadachiise.

Korichi gabaasa raawwii baatiiwwan jahaa ministeerichaa dhaggeeffateera.

Ministeerichatti Daayrektarri Jeneraalaa Hordoffiifi Gamaaggama Karooraa Ambaasaaddar Alamaayyahu Sawu’aaganyi gabaasa raawwii baatiiwwan jahan darbanii ministeerichaa korichaaf dhiyeessaniiru.

Dhaabbatichi ergamasaa ba’achuuf fooyya’iinsa hojimaataa taasisuun hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.

Walitti bu’iinsa kaaba biyyattiitti mudatee ture ka’umsa godhachuun biyyoonni lixaa dhiibbaa hin malle uumanii turuu yaadachiifameera.

Dhiibbaa kaa’amee ture qolachuuniifi dhugaa jiru addunyaatti beeksisuun hojiin dippiloomaasii milkaa’ina qabu hojjetamuu eerameera.

Diyaaspooraa waliin ta’uun hojiin ijaarsa maqaa gaarii biyyaa, misooma, invastimantiifi hojiilee tola ooltummaa garaagaraarratti hojjetaman faayidaa guddaa qabaachuu ibsaniiru.

Ittaanaan Muummee Ministiraafi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonnin, gaaffiiwwan koricharraa ka’eef deebiifi ibsa laataniiru.

Waggoottan lamaan darbanitti haala rakkisaa biyyattii keessatti uumamee ture keessaa  bahuuf ministeerichi hojiilee fooyya’iinsa hojiimaataa hojiirra oolchuu ibsaniiru.

Walitti qabaan korichaa Diimaa Nagawoon gamasaaniin, ministeerichi yeroo rakkisaa keessatti dhugaa Ityoophiyaa addunyaatti beeksisuuf tattaaffii taasise dinqisiifataniiru.

Tattaaffii rakkooleen bifa faayidaa biyyaalessaa kabajeen akka furaman taasisuun jalqabbii gaarii ta’uu kaasuun, hojiileen ijaarsa maqaa gaarii, daldala, misoomaafi invastimantii cimanii akka itti fufan yaadachiisaniiru.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.