Korichi sirna hordoffiifi to’annoo dirree gaggeessaa jira
Finfinnee, Caamsaa 24, 2015 (FBC) – Koreen Dhaabbii Caffee Oromiyaa sirna hordoffiifi to’annoo dirree gaggeessaa jira.
Sirni deeggarsaafi to’annoo hojiiwwan mootummaan fayyadamummaa uummataa mirkaneessuuf hojjetuu saffisa isaa dabaluufi karoora imala badhaadhinaa biyyattii dhugoomsuu keessatti shoora olaanaa qaba.
Koreen dhaabbii Caffee Oromiyaas sirna hordoffiifi to’annoo godinaalee 8fi magaalota 2 keessatti marsaa 2ffaaf gaggeessaa jiruun Godina Shawaa lixaa Aanaa walmaraatti hojiiwwan misoomaafi piroojektota addaa addaa hanga ammaatti hojjetamaa jiran daawwateera.
Jilichi walitti qabaa koree dhaabbii dhimma Bulchiinsaa, Seeraafi Misooma Namaa Caffee Oromiyaan Obbo Gabree Urgeessoon kan durfamu yoo ta’u, korichi dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadan adda baase bakka hooggansi olaanaan godinichaafi Aanaa argamanitti qorateera jedhame.
Daawwannaan dirree kun marii hawaasaan dabalamee kan itti fufu ta’uu ragaan BKO irraa argame ni mul’is.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.