Korichi Godina Arsii Lixaa aanaa Gadab Hasaasaatti jiraattota magaalaa Hasaasaa waliin mari’ate
Finfinnee, Muddee 23, 2014 (FBC) – Gaaffileen misoomaa hawaasaa bubbulaniif fala hin argatin hatattamaan deebii itti kennuuf hojjachuun barbaachisaa ta’uu Caffee Oromiyaatti Koreen Dhaabbii Misooma Baadiyyaa hubachiise.
Korichi Godina Arsii Lixaa aanaa Gadab Hasaasaatti jiraattota magaalaa Hasaasaa waliin mari’ateera.
Jirattonnis rakkoo bishaan dhugaatii qullqulluu akkaan hammaachuu, aanichaa gandoota hedduutti ibsaa galchuuf sararri bakka heddutti diriirfamee achumaan hafuu, neetwoorkiin bilbilaa fi isaan dararauu dubbataniiru.
Koreen dhaabbii Misooma baadiyyaa Caffee Oromiyaa kunis rakkoowwan hawaasni kaasu kana argee akka taajjabedha himeera.
Rakkoo hawaasni keessa jiru furuuf hoggansi cimee jijjiiramaaf hojjachuu akka qabu yaadachiiseera.
Walitti qabduu Itti aantuun korichaa Aadde Caaltuu Tuqaa tattaaffii hoggansi gaaffii jiraataa deebisuuf itti jiru ummannis akka tumsuuf waamicha dhiheessaniiru.
Lammaa Tasfaayeetu gabaase.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.