Fana: At a Speed of Life!

Korichi Abbootiin qabeenyaa Chaayinaa Paarkiiwwan indaastiriitti akka oomishan tattaaffii akka taasisu ibse

Finfinnee, Fulbaana 28, 2016 (FBC)-Abbootiin Qabeenyaa Chaayinaa Paarkiiwwan Indaastirii Itiyoophiyaatti akka oomishan tattaaffii akka taasisu Koreen Koorporeeshinii michummaa Itiyoo-Chaayinaa beeksise.

Hoji Gaggeessaa Oolaanaan Koorporeeshinii misooma Paarkiiwwan Indaastirii Itiyoophiyaa Obbo Akiliiluu Taaddasaan, Pireezidaantii Koree koorporeeshinii michummaa Itiyoo-Chaayinaa Beetii Zhu waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin, abbootiin qabeenyaa koricha jala jiran Paarkii Indaastirii keessa galuun akkaataa oomishuu danda’anirratti mari’ataniiru.

Filmaatawwan invastimantii paarkiiwwan indaastirii akkasumaas naannawaa daldala walabaa, bu’uraalee misoomaa oomishtootaaf qophaa’ee fi onnachiistuuwwan invastimantii jiranirratti ibsa kennaniiru.

Beetii Zhu gama isaaniin abbootiin qabeenyaa lammiilee Chaayinaa Paarkiiwwan Indaastirii keessa seenuun akka oomishaniif kan hojjetan ta’uu eeruun, kanaanis waloon hojjechuun akka barbaachisu himan.

Koorporeeshinii michummaa Itiyoo Chaayinaa jalatti dameewwan Awutoomoobilii, maashinarii, qindeessa bu’aalee qonnaa fi kanneen biroorratti lammiileen Chaayinaa bobba’an 100 ol jiraachuu ibsuu ragaan koorporeeshinicharraa argame ni mul’isa.

Fooramiin invastimantii qaamolee dhimmichi ilaallatu Chaayinaatti qopheessuuf waliigalteerraa ga’amuun ibsameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.