Fana: At a Speed of Life!

Koreewwan sassaabbii deeggarsaa naannoo Afaariif deeggarsa Birrii miiliyoona 22 fi kuma 600 laatan

Finfinnee, Amajjii 26, 2014 (FBC) – Koreewwan sassaabbii deeggarsaa deeggarsa walitti qaban Birrii miiliyoona 22 fi kuma 600 naannoo Afaariif dabarsanii laataniiru.

Koreewwan kunneen deeggarsicha preezdaantii naannoo Afaar obbo Awwal Arbaatti dabarsanii laachuu fi deggarsichi lammiilee gochaa garee shororkeessaa ABUTiin miidhaan irra ga’eef kan oolu ta’uu ibsameera.

Deggarsa nyaataa fi meeshaalee Birrii miiliyoona 12 fi kuma 600tti shallagamuu fi deeggarsa Birrii miiliyoona 10 walitti qabamuu Ittaantuun Afyaa’ii Mana Maree Federeeshinii fi walitti qabduun koree sassaabbii deggarsaa Magaalaa Finfinnee aadde Hahaaraa Huumad ibsaniiru.

Rakkoo nu mudatee keessaa ba’uun kan danda’amu yoo wal deeggare ta’uu jechuu fi deeggarsa taasifameef obbo Awwal galateeffachuu ragaan miidiyaa naannichaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.