Fana: At a Speed of Life!

Koreen qophaa’ummaa manneen barnootaa qulqulleessu hojii eegaleera

Finfinnee, Fulbaana 19, 2013 (FBC) –Koreen qophaa’ummaa manneen barnootaa qulqulleessu hojii eegaleera.
Ministirri Ministeera Barnootaa FDRI Dooktar Injiinar Geetaahuun Makuriyaan akka beeksisanitti, barnoota eegalchiisuuf hojiileen haalduree fi qophaa’ummaa hojjetamaa jiru.
Qophaa’ummaa kana qulqulleessuufis koreen dameelee addaddaa hammachuun hundaa’e hojii jalqabuusaa ibsaniiru.
Korichi damee fayyaa, barnoota, bulchiinsaa fi maatirraa kan walitti babba’edha.
Maatiin barattootaa harka caalmaa hojii korichaa keessatti hirmaachifamaa jiru.
Korichi torbeewwan sadan itti aanan hojii qophaa’ummaa qulqulleessuurratti kan hojjetu ta’a jedhan ministirichi.
Kanaanis qophaa’ummaan manneen barnootaa, galteewwan ministeerichaa ergaman qaqqabuu, deeggarsa biraa qindeessuu, galteewwan barbaachisoon manneen barnootaa keessa jiraachuu, manneen barnootaa barnoota eegaluuf qophii ta’uu gamaaggama.
Gamaaggama korichaatinis manneen barnootaa barnoota akka eegalan taasifama jedhan.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.