Fana: At a Speed of Life!

Koreen Qaxxaamura Diimaa Idil Addunyaa naannoo Tigraayiif deeggarsa midhaan nyaataa fi meeshaalee yaalaa taasiise

Finfinnee,Bitootessa 1, 2013 (FBC) – Koreen Qaxxaamura Diimaa Idil Addunyaa Waldaa Qaxxaamura Diimaa Ityoophiyaa waliin ta’uun naannoo Tigraayiif deeggarsa midhaan nyaataa fi meeshaalee yaalaa yeroo ariifachiisaa taasiiseera.
Duula olaantummaa seeraa mirkaneessuu naannichaatti gaggeeffame hordofee lammiilee qa’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif deeggarsa namoomaa taasiisu ibsameera.
Abboottii Warraa Maqalee, Abduuraafii, Addigraatii fi Shireetti argaman kuma 9 fi 125f deeggarsa yeroo ariifachiisaa laateera.
Afatawwan Pilaastikaa, uffataalee qorraa fi meeshaalee biroo lammiilee kanneeniif deeggarsa taasiisuu Korichi beeksiise.
Hospitaaloota Kaaba Tigraayitti argamaniif deeggarsa midhaan nyaataa fi meeshaalee yaalaa laachuu himameera.
Koreen Qaxxaamura Diimaa Idil Addunyaa naannoo Tigraayiitti deeggarsa taasiisuu cimsee kan itti fufu ta’uu fi qaamoleen biroos deeggarsa akka taasiifan waamicha dhiyeesseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.