Fana: At a Speed of Life!

Koreen Ministirootaa weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf hundaa’e bu’aa gaarii argamsiiseera – MM FDRI Abiy Ahimad

Finfinnee, Eebila 23, 2012 (FBC) – Koreen Ministirootaa weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf hundaa’e bu’aa gaarii argamsiisuu isaa Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad dubbataniiru.
 
Korichi guyyaa har’aa raawwii hojii hanga ammaatti jiru bakka Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad argamanitti gamaaggameera.
 
Gamaaggama gaggeeffameen koreen Ministirootaa #COVID-19 ittisuuf hundaa’e hojiilee bu’aa gaarii argamsiisan hojjechaa turuu isaa Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad ibsaniiru.
 
Hojiileen ijoo hojjetamanii fi tarkaanfiiwwan fudhataman jajjabeessaa ta’uu himaniiru.
 
Muuxxannoowwan gaarii wayita kana argaman dhaabbataa gochuun murteessaa ta’uu dubbataniiru.
 
Hojiileen kalaqaa loojistiksii fi teeknooloojii infoormeeshin koominiikeeshiniin hojjetaman boqonnaawwan haaraa uumamaniiru jedhan.
 
Humnoota kanneen jajjabeessuun #COVID-19 booda guddina fooyyee qabuuf oolchuuf kan hojjetamu ta’uu Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Fuula Feesbuukii isaaniin ibsaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.