Fana: At a Speed of Life!

Koreen Hojii Raawwachiiftuu tarkaanfiin olaantummaa seeraa kabachiisuu cimee akka itti fufu kallattii ka’e

Finfinnee, Waxabajjii 15, 2014 (FBC) – Koreen Hojii Raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa tarkaanfiin olaantumaa seeraa kabachiisuu cimee akka itti fufuf kallattii ka’eera.

Koreen Hoji Raawwachiistuu Paartii Badhaadhinaa walga’ii isaa gaggeessaa jira.

Korechi walga’ii isaa kanaan, dhimmoota nageenya biyyaalessa fi tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuu fudhatama jiru irratti mari’ateera.

Haaluma kanaan kutaalee biyyatti garagaraatti shororkeessitootaan, haleellaa lammiilee nagaarratti raawwataman balaaleffateera.

Gareewwan shororkeessitootaa gochaa abdii kutannaa raawwaachaa jiraachuu fi tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuu irratti fudhatameen, kufaatii mudateen dhoksuuf halleellicha kan raawwatan ta’uu korechi gamaaggameera.

Hojiin shororkeesitootaa dhabamsiisuu fi olaantummaa seeraa kabachiisuu ilaalchisuun manni marichaa murtoo dabarseen, hojichi cimee akka itti fufu koreen hojii raawwachiiftuu paartichaa kallattii kaa’eera.

Korechii yeroo ammaa dhimmoota biyyaalessaa fi kanneen biroorrati mari’achaa jira.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.