Fana: At a Speed of Life!

Koreen Hoji Raawwachiistuu Paartiin Badhaadhinaa qormaatilee ijoo shanaan mudachaa jiran ibse

Finfinnee, Bitootessa 9, 2015 (FBC)- Koreen Hoji Raawwachiistuu Paartiin Badhaadhinaa Birtootessaa 7-8, 2015 walga’ii gaggeesseen qirmaatilee ijoo shanaan mudachaa jiranii furmaata isaanii waliin kaa’eera.

Qormaataa Jalqabaa

Rakkoo seenaan dhaalchise ta’uu kaasuun, Ityoophiyaan seenaa boonsaafi carraalee seenaa keessatti gonfatan qabaachuufi seenaalee kanneeniin kan boonuufi badhaadhina Ityoophiyaafi akka qabeenyaatti kan itti fayyadamu ta’uu ibseera.

Idaa darban karaa ammayyaa’aa fi tasgabbii qabuun marii fi marabbaan, dhiifamaafi araaraan biyyoonni furuuf yaalan gara waliigalteefi gara tokkummaatti dhufuu danda’uu ibsameera. Nuunis kan barbaachisu kanuma.

Qormaata 2ffaa

Bilisummaa hogganuu dadhabuu. Qabsoo hadhaawaa uummanni gaggeesseen mirgoota argate keessaa tokko bilisummaa ta’uu ibsuun, bilisummaa naannoo isaa bulchuu, gurmaa’uu, yaada isaa ibsachuu, mootummaa mormuu, miidiyaa hundeessuufi itti fayyadamuu, amantaa isaa gidduseentummaa mootummaa malee gaggeeffachuu warreen jedhan gonfachuu eerameera.

Rakkoon bilisummaa hogganuu dhabuu bulchitoota naannawaa, miidiyaalee, dhaabbilee amantaa, paartilee siyaasaafi aktiivistoota bira jiru dafee sirrachuu akka qabu korichi gamaaggamuu ibsameera.

Qormaata 3ffaa

Haalota tokkummaa sabdaneessaa qoran dhufaa jiraachuun Ityoophiyaa ammaa keessatti eenyuyyuu eenyuun gadis ta’ee yookaan ol ta’ee jiraachuu kan hin dandeenye ta’uu eereera.

Hoggantoonni mootummaa fi paartii sadarkaan jiran gochootaa fi haasaawaan tokkummaa sabdaneessummaa uummataa miidhan, jibbiinsaafi walitti bu’iinsa hammeessan irraa of qusachuu akka qaban yaadachiiseera.

Qormaata 4ffaa

Qaala’iinsa jireenyaa ta’uu ibsuun, rakkoolee idil addunyaafi biyya keessaa mudatan irraa kan ka’e miidhaan diinagdee gooroorra gahe qaala’iinsa jireenyaa dabalaa akka dhufu taasisuu korichi gamaaggamuu ibsameera.

Oomisha haala gahaa ta’een oomishuufi gara gabaatti dhiyeessuuf rakkoolee hoggansaafi hojiimaataa mudatan furamuu akka qaban ibsameera.

Hojiimaata invastimantii, daldalaafi carraa hojii uumuu saffisiisan diriirsuun barbaachisaa ta’uu ibsameera.

Qormaata 5ffaa

Hanni qormaataa biraa mudataa jru ta’uu ibsuun hattoonni mootummaa, abbootii qabeenyaa, naannawaa sabaafi miidiyaalee keessa jiran kaayyoo tokkoof afur ta’anii hojjechaa fi biyya balleessaa jiraachuu ibsameera.

Duula mootummaan hatoota kanneen balleessuuf eegale cimsee kan itti fufu ta’uu eerameera.
#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.