Koreen filannoo Walitti Qabaa Boordii Filannoo Biyyaalessaa hojii eegale
Finfinnee, Onkololeessa 30, 2016 (FBC)- Koreen filannoo kaadhimamtoota Walitti Qabaa Boordii Filannoo Biyyaalessaa hojii eegaluu beeksiseera.
Walitti Qabaan Korichaa Lubni Taagaay Taaddalaa fi miseensonni ibsa kennaniin, korichi ifatti hojii eegaluu dubbataniiru.
Adeemsa iftoomina qabuu fi dorgomsiisaa ta’een kaadhimamtoota dhiyeessuuf unka eeruu kaadhimamtootaa ummataaf, dhaabbilee siyaasaa fi waldaalee siiviiliif dhiyeessuu ibsaniiru.
Korichi, eertonni adeemsaa eeruu keessatti ulaagaa guutamuu qabu, daandilee eeruu fi daangeffamni yeroon eeruu kaa’amuu ibsaniiru.
Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Onkololeessa 26 koree filannoo kaadhimamtoota Walitti Qabaa Boordii Filannoo Biyyaalessaa kan miseensota saddeet qabu hundeessuun ni yaadatama.
Maraa’ol Kadiirtu gabaase.
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.