Koreen farraa malaanmaltumaa Miseensota 5 qabu Naannoo Kibbaatti hundaa’e
Finfinnee, Sadaasa 29, 2015 (FBC)- Pireezidaantiin Naannoo Kibbaa Obbo Ristuu Yirdaa naannichatti hannaa fi hojmaata badaarratti qabsaa’uuf koree farraa malaanmaltummaa miseensota shan qabu hundeessaniiru.
Hannaa fi hojmaata badaa sadarkaan raawwatamu irratti qabsaa’uuf gaheen hawaasaa olaanaa ta’uu Obbo Ristuun ibsaniiru.
Kana tumsuuf eeruu fuuchuuf kan gargaaruu teessoowwan bilbilaa ni ifoomu jechuu isaanii ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.
Miseensonni korechaas hojii isaanii kutannoo fi bu’aa qabeessumaan akka hojjetaniif hawaasni eeruu barbaachisaa akka kennuu fi tumsu Obbo Ristuun waamicha dhiyeessaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.