Fana: At a Speed of Life!

Koreen farra- malaammaltummaa magaalichaa eeruuwwan himanni irratti banamuu danda’an 127 walitti qabuu ibse

Finfinnee, Mudde 25, 2015(FBC)- Koreen farra- malaammaltummaa magaalaa Finfinnee eeruuwwan himanni irratti banamuu danda’an 127 walitti qabuu beeksise.

Korichi koreewwan xixiqqoo seeraafi qorannoo akkasumas koree odeeffannoofi eeruu hundeessuun gara hojiitti guyyaa seenerraa kaasee eeruuwwan malaammaltummaa himanni irratti banuun danda’amu 127 uummatarraa walitti qabuu Walitti qabduun korichaafi Hoggantuun Biiroo Bulchiinsaafi Nageenyaa magaalichaa aadde Liidiyaa Girmaan ibsaniiru.

Eeruuwwan kanneen keessaa 64 adda baasuuniifi galmee himataa qindeessuun koree seeraafi qorannoof dabarfamuu, eeruuwwan 37 irratti ragaa gahaa walitti qabuun hojiin galmee himannaa qindeessuu hojjetamuu kaasaniiru.

Eeruuwwan malaammaltummaa uummatarraa walitti qabaman warreen hafan irratti hojiin ragaaleefi galmee himannaa qindeessuu karaa walitti fufiinsa qabuun gama koreewwan xixiqqaan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Hojiileen waliigalaa ragaa walitti qabuufi galmee himannaa qindeessuu qindoomina Koree farra malaammaltummaa federaalaan kan hojjetaman ta’uu ibsaniiru.

Adeemsa ragaa walitti qabuu hanga ammaatti jiruun eeruuwwan uummatarraa dhufaa jira jajjabeessaa ta’uufi qabsoon malaammaltummaarratti jalqabame cimee kan itti fufu ta’uu ibsuusaanii ragaan Waajjira Kantiibaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.