Fana: At a Speed of Life!

Koreen Dhaabbii Dhimmoota Baajata Deeggarsaafi Galiiwwan Waloo dhimmoota garaagaraarratti mari’ate

Finfinnee, Fulbaana 30, 2015(FBC)-  Mana Maree Federeeshiniitti Koreen Dhaabbii Dhimmoota Baajata Deeggarsaafi Galiiwwan Waloo dhimmoota garaagaraarratti mari’achuu ibsameera.

Walitti Qabaan Korichaafi Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan maricha mariisisuufi pireezidaantonni naannolee waltajjicharratti argamuu eerameera.

Koreen dhaabbii kun yaadota murtoo Yaa’ii Mana Maree Federeeshiniif dhiyaatan irratti mari’achuu ragaan mana marichaarraa argame ni mul’isa.

Koreen Dhaabbii Dhimmoota Baajata Deeggarsaafi Galiiwwan Waloo Mana Maree Federeeshiniitti koree dhaabbii Pireezidaantota naannoleen bu’uureffame ta’uunsaa kan beekamudha.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.