Koreen Dhaabbii Caffee Oromiyaa hojiiwwan misoomaa fi proojektoota Aanaa Barrakii fi Aqaaqii hojjetamaa jiru daawwatan
Finfinnee, Muddee 21, 2014 (FBC)- Koreen Dhaabbii Caffee Oromiyaa Godina Adda Oromiyaa Naawwanaa Finfinneetti hojiiwwan misoomaa fi proojektoota Aanaa Barrakii fi Aqaaqii hojjetamaa jiraniiru.
Koreen Dhaabbii Dhimma baajetaa fi horataalee mootummaa raawwii hojiwwan misoomaa fi proojektiiwwaan proojektii Qindaa’aa Gumaata Caffee Tumaan hojjetamaan Aanaa Barrakii fi Aqaaqiitti hojjetaman daawwataniiru.
Walitti qabduun koree Dhaabbii dhimma baajetaa fi to’annoo horataalee mootummaa Aadde Mastawit Fayisaa, gama isaaniitiin hojiin proojektoota Aanaa Barraakii fi Aanaa Aqaaqitti baajetaa mootummaa fi hirmaannaa Proojektii Qindaa’aa Gumaata Caffee Tumaan Proojektootni hojjetaman yeroo gabaabaa keessatti xumuramuuf hojjetamaa jiran hojii fakkeenyummaa qabaan ta’uu dubbatu.
Proojektoonni hojjetaman kunneenis baajeta mootummaan qofa osoo hin taanee hirmaannaa ummataan PQGCT godinichaatti hundeessuun hojiin fayyadamummaa ummataaf hojjetamaa jiru Godinaleen biroonis muuxannoo kana fudhachuu akka qabanii fi hawaasni keenyaas proojektoota kanarraa sirnaan fayyadamuu akka qabuu fi kununfachuu akka qabaniis dhaamaniiru.
Piroojektootni hafaniis ariitii fi qulqullinaan akka xumuramaniif hojjetamaa akka jirus himuu ragaan kominikeeshinii godinichaarra argamee ni muul’dhisa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna