Fana: At a Speed of Life!

Koreen Dhaabbichaa Godina Arsii Lixaa Aanaa Gadab Hasaasaatti hojii Misooma jallisii bonee daawwateera

Finfinnee, Muddee 23, 2014 (FBC) – Koreen Dhaabbii Misooma Baadiyyaa Caffee Oromiyaa Godina Arsii Lixaa Aanaa Gadab Hasaasaatti hojii Misooma jallisii bonee daawwateera.

Waggatti al lamaa ol omishuun rakkoo wabii nyaata furuuf xiyyeeffannoon jallisii boneef laatame kan jajjabeeffamu ta’uu itti aantuu Walitti qabduu Koree dhaabbii Misooma Baadiyyaa Caffee Oromiyaa addee Caaltuu Tuqaan ibsaniiru.

Qonnaan bultoonni omishaa fi omiishtumma qonna jallisii bonee akka cimsanii jireenya fooyyeffataniif, ofirras darbanii gabaaf akka dhiheessaniif deeggarsaa fi hordoffii barbaachisaaa ta’uu eeraniiru.

Aanichatti bara kana oomisha jallisii boneetiin lafa hekteera 2,008 irratti hojjatamaa jiraachuu himameera.

Hanga ammaattis lafti hektaarri 1,890 sanyiin qamadii kan uwwifamuun kunuunfamaa jiraachuu eerameera.

Aanichatti jallisii bonee irraa callaa kuntaalli kuma 90 fi 670 kan eegamu ta’uus eerameera.

Lammaa Tasfaayeetu gabaase.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.