Fana: At a Speed of Life!

Koreen Bulchiinsaa Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa tatamsa’ina vaayrasi koroonaa ittisuurratti mari’achuun murtii dabarse

Finfinnee, Bitootessa 10, 2012 (FBC) – Koreen Bulchiinsaa Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa walgahii guyyaa har’aa gaggeesseen tatamsa’ina vaayrasi koroonaa ittisuurratti mari’achuun murtii dabarseera.

Haaluma kanaanis dhimmoota ariifachiisoo fi yeroo hin kennine kan akka gaaffii mirga wabii, yeroo beellamaa, ajaja sakatta’iinsaa, seeraan ala to’atamuu fi qallaba daa’immanii irraa kan hafe dhimmootni beellama idileedhaan keessummeeffaman Bitootessa 11-25, 2012 tti Manneen Murtii Oromiyaatti keessummeeffamuu akka hin qabne murteesseera.

Kanaaf abbootiin dhimmaa dhimmoota olitti ibsaman irraa kan hafe dhimmoota biroo beellama irraa qabdanii fi haaraa galmee banachuu feetan hojiin dhaddachaa Bitootessa 11, 2012 hanga bitootessa 25, 2012 tti kan hin jirre ta’uu beektanii gara Manneen Murtii Oromiyaa akka hin dhufne beeksiseera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.