Fana: At a Speed of Life!

Koreen Biyyaalessaa qindoomina ministiroota BRICS walga’ii idilee 3ffaa gaggeesse

Finfinnee, Fulbaana 24, 2017 (FBC)- Koreen Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Qindoomina Ministiroota BRICS walga’ii idilee 3ffaa gaggeesseera.

Walga’ichaan tarsiimoo hirmaannaa Itiyoophiyaa, gamaaggamaa hirmaannaa BRICS, walga’ii Ministiroota Dhimma Alaa Itiyoophiyaan irratti hirmaattee fi gabaasni Sekireetaariyaatii BRICS dhiyaachuun irratti mari’atameera.

Akkasumaas Baatii Onkoloolessa Raashiyaatti kan gaggeeffamu walga’ii dureewwanii Itiyoophiyaan irratti hirmaattuuf qophii taasifamaa jiru ilaalchisee marii bal’aan gaggeeffamuun ibsameera.

Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Obbo Maammoo Mihiratuu hammattoon BRICS faayidaalee biyyaalessaa Itiyoophiyaa eegsisuuf waltajji olaanaa ta’uu ibsan.

Itiyoophiyaan miseensa BRICS erga taatee waltajjiiwwan hammattoo faayidaa biyyaalessa ishee eegsisaan irratti dammaqinaan hirmaachuu ibsaniiru.

Ministir Deetaan Ministeeraa Dhimma Alaa Ambaasaddara Misgaanuu Argaan gama isaaniin, Itiyoophiyaan miseensa BRICS ta’uun dippilomaasummaa biyyattii sadarkaa olaanaatti kan guddisu ta’uu dubbataniiru.

Miseensonni korichaas fuulduratti Itiyoophiyaan hammattoo BRICS irratti gahee olaanaa akka bahatt dammaqinaan sochii taasisuu akka qabdu ibsuu ragaan Miniisteera Dhimma alaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.