Fana: At a Speed of Life!

koreen aartiin kabaja biyyaati jedhu hunda’ee hojii eegale

Finfinnee, Sadaasa 5, 2013 (FBC)- Koreen Gamtaa Ogeeyyii Aartii Ityoophiyaa koree aartiin kabaja biyyaati jedhu hunda’uun hojii eegaluu beeksisan.
Koreen hundaa’ee ibsa lateen akka beeksiseetti haleellaa gareen gantuu ABUT raayyaa ittisa biyyaarratti raawwate balaaleffataniiru.
Kanafis raayyaa ittisa biyyaaf uummanni kabajaa fi deeggarsa isaaf qabu akka ibsu eeraniiru.
Sadaasa 8, 2013 kibxataa sa’atii 5 irratti daqiqaa 30f mata duree kabajaa raayyaa ittisa biyyaaf ni dhaabbanna jedhuun hoggantoota mootummaa irra egalee lammileen Ityoophiyaa biyya alaa fi keessatti argaman hundi bakka jiranitti raayyaa ittisaaf kabajaa qaban akka ibsaan ta’uu beeksisaniiru.
Tizzitaa Dassaalanyitu gabaase
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.