Fana: At a Speed of Life!

Koree Dhaabbii Dhimma Galii fi Baajataa qaala’insa gatii irratti xiyyeeffachun hojjechuu akka qabu hubachiise

Finfinnee, Sadaasa 30, 2013 (FBC) – Koree Dhaabbii Dhimma Galii fi Baajataa qaala’insa gatii irratti xiyyeeffachun hojjechuu akka qabu hubachiise.
Galiin idilee Mootummaa Federaalaa ji’oottan 3 keessatti madda galii taaksii fi taaksii alarraa Birriin biiliyoona 75.1 funaanamuun ibsame.
Ministeerri Maallaqaa gabaasa raawwii hojiisaa kan ji’a sadii bara baajataa 2013 Koree Dhaabbii Dhimma Galii fi Baajataa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf dhiyeesseera.
Gabaasni dhiyaate daldala alarraa bara baajataa 2013 kurmaana kanatti galiin Doolaara Ameerikaa miiliyoona 700 fi miiliyoona 69.9 argamuu mul’iseera.
Kana malees qaala’iinsi gatii Ji’a Fulbaanaa irraa kaasee hir’ina agarsiisuus ibsameera.
Gama raawwii galiin Mootummaan Federaalaa galii biyyaa keessaafi deeggarsa baajataa dhaabbilee idil addunyaarraa galii Birrii biiliyoona 300 fi biiliyoona 25.2 funaanuuf karoorfatee akka ture ibsameera.
Walittiqabduun Koree Dhaabbichaa aadde Yayyeeshi Tasfaahuninyi dhimmoota akka ciminaa fi hanqinaatti ka’an Mana Hojii Ministeerichaaf dhiyeessuun gara fuulduraatti kana caalaa hojjetamuu akka qabu hubachiisaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.