Fana: At a Speed of Life!

Koorporeeshiniin Manneenii Finfinneetti manneen ammayyaa Birrii biiliyoona 3 ijaarsisuuf waliigaltee mallatteesse

Finfinnee, Hagayyaa 15, 2012 (FBC) – Koorporeeshiniin Manneenii Federaalaa Finfinneetti manneen ammayyaa Birrii biiliyoona 3 ijaarsisuuf dhaabbilee ijaarsaa waliin waliigaltee mallatteesse.
 
Manneen kanneen kan ijaarraman magaalaa Finfinnee naannoo Garjiitti yoo ta’u, ijaarsasaa kan fudhate dhaabbilee biyya keessaa fi alaati(Kooriyaa, Hind).
 
Baatii 18 keessatti manneen jireenyaa 510 lafa heektaara 3 irratti kan ijaarraman yoo ta’u, isaanis abbaa darbii 10ti.
 
Hoggansaa fi hojjettoota mootummaaf laatamu.
 
Hoji gaggeessaa olaanaan koorporeeshinichaa obbo Rashaad Kamaal ijaarsi isaanii hanqina manneenii ni fura jedhan.
 
Darbii 1 guyyaa tokkotti xumuruuf teeknooloojiin hojiirra oola jedhan.
 
Koorporeeshinichi waggaa 28n booda waggoottan lamaan darbanitti hojii ijrsa manneenii hojjechiisaa jira.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.