Fana: At a Speed of Life!

Koorporeeshiniin Indaastirii Injiinariingii Raayyaa Ittisaa cimina isaa akka itti fufsiisu gaafatame

Finfinnee, Adoolessa 8, 2015 (FBC)- Koorporeeshiniin Indaastirii Injiinariingii Raayyaa Ittisaa fedhii Ityoophiyaa milkeessuu fi bu’aan argamsiisaa jiru jajjabeessaa ta’uu Ministirri Ministeeraa Raayyaa Ittisaa Biyyaa Dooktar Abrahaam Balaay ibsan.

Koorporeeshinichi raawwii bara baajataa 2015 fi karoora 2016 irratti mari’ateera.

Dooktar Abirahaam maricharratti, koorporeeshinichi hojiilee bu’aa qabeessaa raawwachuu ibsanii, cimina argisiisaa jirus cimsee itti fufuu akka qabu gaafataniiru.

Oomishaalee koorporeeshinichi oomishutti dabalataan hanqina meeshaalee jijjiirraa hambisuuf biyya keessatti oomishuun sharafa alaa hambisuurratti xiyyeeffachuu akka qabu eeraniiru.

Koorporeeshinichi karooricha dachaan raawwachuu kan eeran ammo Daayrektarri koorporeeshinichaa Geetaachoo Haayilamaariyaam, qindoomina hoggansaa fi miseensaa akkasumas xiyyeeffannaa ministeerichi koorporeeshinichaaf kenne milkaa’inichaaf maddaa ta’uu eeruu ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.